AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yeroo Hunda Yihowaa Sammuutti Qabadhaa
Yommuu hojii argachuun ulfaata taʼutti, Mootummichaa fi qajeelina Waaqayyoof dursa kennuun walʼaansoo gochuu gaafata. Hojii Yihowaa akka hin tajaajille gufuu nutti taʼu ykn qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simne fudhachuuf qoramuu dandeenya taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan “warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef” jabina akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (2Se 16:9) Abbaan keenya inni jaalala qabeessi akka nu hin gargaarre ykn wanta nu barbaachisu akka nuuf hin goone wanti isa dhowwu tokko illee hin jiru. (Rom 8:32) Kanaafuu, hojii ilaalchisee yommuu murtoo goonu, Yihowaatti amanamuu fi tajaajila keenya irratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu qabna.—Fr 16:8.
VIIDIYOO GARAA GUUTUUDHAAN YIHOWAADHAAF HOJJEDHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Jeesan mattaʼaa fudhachuu kan dide maaliifi?
-
Qolosaayis 3:23 kan nuuf hojjetu akkamitti?
-
Fakkeenyi gaariin Jeesan Toomaas irratti dhiibbaa gaarii kan godhe akkamitti?
-
Maatewos 6:22 kan nuuf hojjetu akkamitti?