Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Addunyaa Gaariin Akka Dhihaate Misiraachoo Himaa!

Addunyaa Gaariin Akka Dhihaate Misiraachoo Himaa!

Jiʼa Sadaasaatti addunyaa gaariin baayʼee akka dhihaate misiraachoo himuuf carraaqqii addaa goona. (Fr 37:10, 11; Mul 21:3-5) Duula kana irratti hirmaannaa guutuu gochuuf sagantaa kee sirreessi. Jiʼa kanatti qajeelchaa gargaaraa taʼuuf foormii kan guuttu yoo taʼe saʼaatii 30 ykn 50 deebisuuf filachuu dandeessa.

Hamma siif dandaʼame namoota hedduutti waaʼee addunyaa haaraa himuuf caqasa qopheeffadhu. Yommuu caqasa tokko filattu, wanta namoota naannoo tajaajilaa keetti argaman hawwatu yaadi. Guyyaa jalqabaatti namni tokko fedhii akka qabu yoo argisiise, Masaraa Eegumsaa maxxansa sabaa Lakk. 2 2021 kenniif. Achiis utuu fedhiin isaa hin badii dafii deddeebii gaaffii godhiif, akkasumas birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuun qoʼannaa jalqabsiisi. “Wanti gaariin akka dhufu misiraachoo” himuu irratti guutummaatti hirmaachuun gammachuu guddaa argamsiisa.—Isa 52:7.

FAARFANNAA ADDAA ADDUNYAA HAARAAN DHUFUUF JEDHA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Intalli xinnoon takka yeroo gaarii gara fuulduraatti dhufu akkamii yaadaan ilaalaa jirti?

  • Addunyaa haaraa keessatti wanti caalaatti argachuuf hawwitu maali dha?

  • Abdii keenya irratti xiinxaluun duula jiʼa Sadaasaatti godhamuu irraatti guutummaatti hirmaachuuf kan si qopheessu akkamitti?—Luq 6:45