Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Dhaala Keessan Isa Gatii Guddaa Qabuuf Eegumsa Godhaa

Dhaala Keessan Isa Gatii Guddaa Qabuuf Eegumsa Godhaa

Kaaleb diinota humna guddaa qaban iddoo dhaala isaa irraa ariʼuudhaan dhaala isaatiif eegumsa godheera (Iya 15:14; it-1-E 1083 key. 3)

Dhaala isaanii namoota Yihowaa hin waaqeffanne irraa kan eegan Israaʼelota hunda miti (Iya 16:10; it-1-E 848)

Yihowaan namoota dhaala isaaniitiif eegumsa gochuu barbaadan gargaareera (Kes 20:1-4; Iya 17:17, 18; it-1-E 402 key. 3)

Yihowaan Kiristiyaanota hundaaf dhaala jireenya bara baraa kenneera. Cimina qorumsa nu irra gaʼu moʼuuf nu barbaachisu argachuudhaan dhaala keenyaaf eegumsa gochuuf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu, tajaajila irratti hirmaachuu fi kadhachuu qabna.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Dhaala kootiif eegumsa gochaan jiraa?’