AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Gaaʼela—Hariiroo Jireenya Guutuu
Gaaʼelli Kiristiyaanotaa milkaaʼina qabu Yihowaadhaaf ulfina argamsiisa, hiriyoota gaaʼelaa sanaafis gammachuu fida. (Mar 10:9) Gaaʼela jireenya guutuu turuu fi gammachiisaa taʼe qabaachuuf, Kiristiyaanonni hiriyaa gaaʼelaa yommuu filatanitti qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti hordofuu qabu.
Gaaʼelaaf nama tokko qorachuu kan qabdu ‘umurii dargaggummaa erga darbitee’ booda, jechuunis yommuu fedhii saalqunnamtii cimaan murtoo kee irratti dhiibbaa hin goonetti taʼuu qaba. (1Qo 7:36) Yeroo qeenxee taʼuudhaan dabarsitu hariiroo Waaqa wajjin qabdu cimsachuu fi amalawwan gaggaarii horachuuf akka gaariitti itti fayyadami. Akkas gochuun kee yeroo gaaʼela dhaabbattutti gaaʼela milkaaʼina qabu qabaachuuf si gargaara.
Gaaʼela dhaabbachuuf walii galuu kee dura, yeroo gaʼaa ramadiitii ‘keessa namummaa isa dhokataa’ nama sanaa beekuuf carraaqqii godhi. (1Ph 3:4) Wanti baayʼee si shakkisiisu yoo jiraate, nama hiriyaa gaaʼelaa kee taʼuu dandaʼu sanaa wajjin irratti mariʼadhu. Gaaʼela keessatti wanta argannu caalaa wanta kenninu irratti xiyyeeffachuu qabna. (Flp 2:3, 4) Gaaʼela dhaabbachuu kee dura qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojii irra kan oolchitu yoo taʼe, gaaʼela erga dhaabbattee boodas gaaʼela gammachuu qabu qabaachuuf qajeelfamoota kana hojii irra oolchuu kee itti fufuun sitti hin ulfaatu.
VIIDIYOO GAAʼELA DHAABBACHUUF QOPHAAʼUU—KUTAA 3: ‘BAASII KEE SHALLAGI’ JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Hariiroon obboleettiin tun Sheenii wajjin qabdu cimaa kan dhufe akkamitti?
-
Yommuu caalaatti isa beekaa deemtutti amala isaa ilaalchisee maal hubatte?
-
Warri ishii kan ishii gargaaran akkamitti? Ishiin hoo murtoo gaarii akkamii goote?