BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Hiriyaa Gaaʼelaa Ogummaadhaan Filadhaa
Solomoon dubartoota waaqolii sobaa waaqeffatan fuudhuudhaan murtoo ogummaa irratti hin hundoofne godheera (1Mo 11:1, 2; w18.07 18 key. 7)
Haadhotiin manaa Solomoon suutuma suuta garaan isaa Yihowaa irraa akka jalʼatu godhaniiru (1Mo 11:3-6; w19.01 15 key. 6)
Yihowaan Solomoonitti dheekkameera (1Mo 11:9, 10; w18.07 19 key. 9)
Dubbiin Waaqayyoo Kiristiyaanonni gaaʼela hin godhanne gaaʼela godhachuu kan qaban “Gooftaadhaan qofa” taʼuu akka qabu gorsa. (1Qo 7:39) Haa taʼu malee, namni tokko cuuphamuun isaa qofti hiriyaa gaaʼelaa gaarii akka taʼu isa hin godhu. Namni hiriyaa gaaʼelaa godhachuuf filattu sun garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu kee akka itti fuftu kan si gargaaru dhaa? Yihowaadhaaf jaalala cimaa akka qabu argisiiseeraa? Gaaʼela dhaabbachuuf walii galuu kee dura, akka gaariitti nama sana beekuuf yeroo ramadi.