AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Rakkina Diinagdee Isin Mudatu Amanannaadhaan Dandamadhaa
Guyyoota dhumaa kana keessatti jireenyi rakkinaan kan guutame dha. Yommuu dhuma sirna kanaatti dhihaachaa deemnutti immoo rakkinni caalaatti akka dabalu beekamaa dha. Tarii yeroo tokko tokko wantoota nu barbaachisan tokko tokko dhabuu dandeenya taʼa. (An 3:16-18) Rakkina diinagdee amanannaadhaan dandamachuuf wanti nu gargaaru maali dha? Waaqa keenya Yihowaatti amanamuu keenya itti fufuu dha. Inni tajaajiltoota isaa kunuunsuuf waadaa galeera; akkasumas haala kam iyyuu keessatti wanta isaan barbaachisu isaaniif ni guuta.—Fr 37:18, 19; Ibr 13:5, 6.
Maal gochuu dandeessa:
-
Qajeelfamaa fi ogummaa akka siif kennu, akkasumas deggarsa akka siif godhu Yihowaa cimsii kadhadhu.—Fr 62:8.
-
Hojii kanaan dura hojjettee hin beekne hojjechuuf fedhii qabaadhu.—g-AM 1/10 8-9, saanduqoota
-
Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu fi tajaajila irratti hirmaachuu dabalatee sochiiwwan hafuuraa gochuu kee itti fufi
VIIDIYOO MANA JABAATEE DHAABATU IJAARAA—“WANTOOTA AMMA QABDANITTI GAMMADAA” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Maatiiwwan tokko tokko rakkinni akkamii isaan mudateera?
-
Jireenya keessatti wanti caalaatti barbaachisaa taʼe maali dha?
-
Warra rakkina diinagdee qaban gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?