BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Aasaan Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhateera—Ati Hoo?
Aasaan hinaaffaadhaan waaqeffannaa dhugaatiif dhaabbateera (1Mo 15:11, 12; w12 8/15 8 key. 4)
Aasaan ija jabinaan hariiroo maatii isaatiif qabu caalaa waaqeffannaa isaatiif iddoo guddaa kenneera (1Mo 15:13; w17.03 19 key. 7)
Aasaan dogoggora kan raawwate taʼus, amaloota gaarii qabuun kan kaʼe Yihowaan nama amanamaa akka taʼeetti isaa ilaaleera (1Mo 15:14, 23; it-1-E 184-185)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa akkan qabu argisiisaan jiraa? Nama miseensa maatii koo taʼe dabalatee namoota Yihowaa dhiisan wajjin hariiroon qabu addaanan kutaa?’—2Yo 9, 10.