Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

JW.ORG Irraa Ogummaa Guyyaa Guyyaadhaan Isin Fayyadu Argadhaa

JW.ORG Irraa Ogummaa Guyyaa Guyyaadhaan Isin Fayyadu Argadhaa

Guyyoota dhumaa rakkisoo taʼan kana keessatti Dubbiin Waaqayyoo rakkina nu mudatu dandamachuuf akka gaariitti akka hidhannu nu gargaara. (2Xi 3:1, 16, 17) Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko dhimma tokko irratti qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu dandeenyu argachuuf gargaarsi nu barbaachisa taʼa. Fakkeenyaaf, warra ijoollee guddisuu ilaalchisee gorsa barbaadaa jirtanii dhaa? Dargaggeessa qorumsi amantii si mudachaa jirtu dhaa? Nama hiriyaa gaaʼelaa kee duʼaan waan dhabdeef gaddaa jirtu dhaa? Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu haala kee kanaa fi kan biroo hedduutiif si fayyadan ilaalchisee jw.org irraa odeeffannoo barbaachisaa argachuu dandeessa.—Fak 2:3-6.

Fuula jalqabaa jw.org irraa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU isa jedhu filadhu. (Fakkii 1​ffaa ilaali.) Achiis filannoowwan tarreeffaman keessaa kan barbaaddu filadhu. Yookiin immoo LAAYIBRARII > MATA DUREEWWAN WALITTI AANANII BAʼAN isa jedhu jalaa kan barbaaddu filadhu. (Fakkii 2​ffaa ilaali.) Kutaawwan kana JW Library® irraas argachuu dandeessa. * Karaawwan lamaan kana keessaa isa barbaaddeen fayyadamuu dandeessa. Filannaan qabnu inni biraan immoo jw.org irratti saanduqa barbaaduuf gargaaru keessatti yaada barbaannu tokko barreessinee barbaadu dha.

Saanduqa barbaaduuf gargaaru keessatti yaadawwan armaan gadii barreessiitii mata dureewwan dubbisuu barbaaddu yaadannoo kee irratti qabadhu.

  • Ijoollee guddisuu

  • Dhiphina dargaggoota mudatu

  • Hiriyaa gaaʼelaa duʼaan dhabuu

^ Mata dureewwan walitti aananii baʼan guutummaan isaanii kan argamu jw.org irratti qofa dha.