AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Qabiyyeewwan Gaggaarii Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamuu Fayyadamaa
Viidiyoowwanii fi gaaffiiwwan ilaalchaa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irra jiran ni jaallattaa? Qabiyyeewwan “Namoonni Tokko Tokko Akkana Jedhu” “Galma,” akkasumas “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhan hoo? Yommuu hojii barattoota gochuu irratti hirmaattu qabiyyeen kitaaba kanaa gaarii taʼee argatte kan biraan maali dha?—Mat 28:19, 20.
Miidiyaa: Nama tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf kitaaba kana isa maxxanfamee jirutti fayyadamuu kan filattu yoo taʼe, viidiyoowwanii fi miidiyaawwan kan biroo hunda salphaatti iddoo tokkotti argachuu hin dandeessu. Isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼe irratti garuu kana argachuu dandeessa; kutaawwan guguddaa arfan keessaa isa tokko filadhu. Mata dureewwan barumsaa kutaa sana jalatti tarreeffaman gaditti, miidiyaa isa jedhu tuquudhaan miidiyaawwan kutaa sana jalaatti argaman hunda bakka tokkotti argachuu dandeessa. (Fakkii 1ffaa ilaali.)
Filannoo “Isa Bifa Maxxansaan Jiru” jedhu: Meeshaa elektirooniksitti fayyadamtee nama tokko qoʼachiisaa jirta taanaan, qoʼannaa keessan irratti yeroo garaa garaatti filannoo “Isa Bifa Maxxansaan Jiru” jedhu fayyadamuun keessan isin fayyaduu dandaʼa. Barumsa tokko erga bantee booda, fuula sana gara gubbaa irratti mallattoo tuqaa sadii qabu tuquudhaan filannoo “Isa Bifa Maxxansaan Jiru” jedhu filadhu. Filannoon kun yaanni irratti mariʼachaa jirtan mata duree guddaa barumsa sanaa wajjin kan walqabatu akkamitti akka taʼe yaaduuf si gargaaruu dandaʼa. Gara filannoo isa bifa dijitaalaatiin jirutti deebiʼuuf mallattoo tuqaa sadii qabu irra deebitee tuquudhaan “Isa Bifa Dijitaalaatiin Jiru” jedhu filachuu dandeessa.
“Qophaaʼeeraa?”: Saanduqni gara xumura kitaabichaatti argamu kun ulaagaalee buʼuuraa gumichaa wajjin lallabuu fi cuuphamuuf barbaachisan qabateera. (Fakkii 2ffaa ilaali.)
Ibsa Dabalataa: Ibsi dabalataa mata dureewwan barbaachisoo taʼan tokko tokko irratti ibsa kenna. Kitaabni kun inni bifa dijitaalaatiin qophaaʼe, xumura tokkoon tokkoon ibsa dabalataa irratti liinkii gara barumsa qoʼachaa turtanitti si deebisu qabateera. (Fakkii 2ffaa ilaali.)
Barattoonni Kitaaba Qulqulluu guddina gochaa jiran kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu qoʼatanii akka xumuran godhi; kitaabicha qoʼatanii xumuruu isaanii dura yoo cuuphaman illee jechuu dha. Barataan sun erga cuuphamee booda illee saʼaatii qoʼannaa irratti dabarsitu, deddeebii gaaffii fi qoʼannaa gabaasa gochuu dandeessa. Babalʼisaan tokko si wajjin qoʼannaa kana irratti yoo hirmaate innis saʼaatii qoʼannaa kana irratti dabarse qabachuu dandaʼa.