AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHU
Hanga Duʼaa Kaʼuun Dhugoomutti
Yommuu nama jaallannu duʼaan dhabnutti abdiin duʼaa kaʼuu nu jajjabeessa. Haa taʼuu malee, cubbuu fi duuti hunda keenya xaxanii jiru. (Isa 25:7, 8) Sababiin “Uumamni hundi hanga ammaatti walii wajjin aadaa fi dhiphachaa” itti jiru tokko kana dha. (Rom 8:22) Hanga duʼaa kaʼuun dhugoomutti gadda nama jaallannu duʼaan dhabuudhaan nutti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo qajeelfama gama kanaan nu gargaaru nuuf kenna.
VIIDIYOO NAMA JAALLANNU YEROO DUʼAAN DHABNU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Daaniyal, Masaahiiroo fi Yooshiimii irra gadda akkamiitu gaʼe?
-
Yaadawwan viidiyicha irratti ibsaman shanan kan isaan gargaaran akkamitti?
-
Jajjabina hunda irra caalu eenyuu irraa arganna?—2Qo 1:3, 4