BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Yeroo Jireenyi Humna Keetii Ol Akka Taʼe Sitti Dhagaʼamutti
Yeroo qorumsa keessa tureetti, Iyyoob jireenya hojii dirqamaa wajjin wal fakkeesseera (Iyo 7:1; w06-AM 3/15 14 key. 9)
Dhiphinni isatti dhagaʼame miira isaa ifatti akka dubbatu isa kakaaseera (Iyo 7:11)
Duʼuuf akka hawwullee dubbateera (Iyo 7:16; w20.12 16 key. 1)
Jireenyi humna keetii ol akka taʼe yoo sitti dhagaʼame, kadhannaadhaan wanta garaa kee keessa jiru hundumaa Yihowaa duratti dhangalaasi; akkasumas miira sitti dhagaʼamu michuu kee gaʼeessa taʼe tokkotti himadhu, tarii kun hamma tokko boqonnaa akka argattu gochuu dandaʼa.—g-AM 1/12 16-17.