BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Jaalalli Yihowaadhaaf Qabdan Hammam Cimaa Akka Taʼe Argisiisuu Keessan Itti Fufaa
[Viidiyoo Beeksisa Kitaaba Iyyoob jedhamu taphachiisi.]
Seexanni Iyyoob Yihowaa kan jaallatuu fi kan isa tajaajilu fedhii ofittummaadhaan kakaʼee akka taʼe dubbateera (Iyo 1:8-11; w18.02 6 key. 16-17)
Seexanni jaalalli nuti Yihowaadhaaf qabnu kan dhugaa akka hin taane komii dhiheesseera (Iyo 2:4, 5; w19.02 5 key. 10)
Yihowaan carraa Seexanni sobduu taʼuu isaa itti mirkaneessinu hunda keenyaaf kenneera. (Fak 27:11) Yeroo gaarii taʼettis taʼe yeroo gaarii hin taanetti, jireenya keenya keessatti Yihowaadhaaf dursa kennuudhaan jaalalli isaaf qabnu hammam cimaa akka taʼe argisiisuu dandeenya.