Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fulbaana 2-8

FAARFANNAA 79-81

Fulbaana 2-8

Faarfannaa 29 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Maqaa Yihowaa Isa Ulfina Qabeessa Taʼeef Jaalala Akka Qabdan Argisiisaa

(Daq. 10)

Gocha Yihowaa ulfina dhabsiisu irraa fagaadhaa (Fr 79:9; w17.02 9 key. 5)

Maqaa Yihowaa waammadhaa (Fr 80:18; ijwbv 3 key. 4-5)

Yihowaan namoota isaaf ajajamuudhaan jaalala maqaasaatiif qaban argisiisan ni eebbisa (Fr 81:13, 16)

Amalli keenya maqaan Yihowaa karaa sirriis karaa sirrii hin taaneenis akka waamamu gochuu waan dandaʼuuf akka Dhugaa Baatota isaatti jiraachuu qabna

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 80:1—Maqaan Yoseef jedhu yeroo tokko tokko gosa Israaʼel hundumaa argisiisuuf kan itti hojjetame maaliifi? (it-2-E 111)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 1) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu Akka Qoʼatu Affeeri. (lmd barumsa 4 qabxii 4)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Kitaaba Qulqulluu Akka Qoʼatu Affeeri. (lmd barumsa 4 qabxii 3)

6. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) LALLABA ADABAABAYII. Kitaaba Qulqulluu Akka Qoʼatu Affeeri. (lmd barumsa 3 qabxii 3)

7. Hordofii Gargaari

(Daq. 5) MANAA GARA MANAA. Nama kanaan dura qoʼachuu didee fi amma garuu fedhii qabu Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 8 qabxii 3)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 10

8. “Isaan Maqaa Koo ni Qulqulleessu”

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Seexanni maqaa Yihowaa arrabsuu kan jalqabee iddoo biqiltuu Eedan keessattidha. Yeroo sanaa kaasee, maleekonnii fi ilmaan namootaa murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuu jechuunis, maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf ykn dhiisuuf murteessuu qabu.

Mee Yihowaa ilaalchisee sobawwan gurguddoo Seexanni dubbate tokko tokko haa ilaallu. Yihowaan bulchaa gara jabeessaa fi jaalala hin qabne akka taʼetti isa himateera. (Uma 3:1-6; Iyo 4:18, 19) Waaqeffattoonni Yihowaa jaalala dhugaa akka Isaaf hin qabne dubbateera. (Iyo 2:4, 5) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman uumamawwan naannoo keenyatti argamanii fi baayʼee babbareedoo taʼan kan uume Yihowaa miti jedhanii akka amananillee godheera.—Rom 1:20, 21.

Sobawwan kun maaltu akka isinitti dhagaʼamu godhu? Yihowaadhaaf falmuuf akka isin kakaasu beekamaadha! Yihowaan sabnisaa maqaasaa qulqulleessuu akka barbaadan beeka. (Isaayyaas 29:23 wajjin wal bira qabii ilaali.) Isinoo gama kanaan maal gochuu dandeessu?

  • Namoonni Yihowaa akka beekanii fi akka isa jaallatan gargaaraa. (Yoh 17:25, 26) Ragaawwan inni jiraachuu isaa mirkaneessan ibsuu fi waaʼee amaloota isaa warra dinqisiisoo taʼanii isaan barsiisuuf qophaaʼaa.—Isa 63:7

  • Garaa keessan guutuudhaan Yihowaa jaalladhaa. (Mat 22:37, 38) Isiniif gaarii waan taʼaniif qofa utuu hin taʼin, Yihowaa gammachiisuuf jecha abboommiiwwan Yihowaatiif ajajamaa.—Fak 27:11

VIIDIYOO Jaalalli Matumaa hin Badu . . . Mana Barumsaatti Dhiibbaa Gadheen Jiraatus jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Ariyeelii fi Diyegoon maqaa Yihowaatiif kan falman akkamitti?

  • Yihowaadhaaf akka falman wanti isaan kakaase maalidha?

  • Fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeessan akkamitti?

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 90 fi Kadhannaa