Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Onkoloolessa 7-13

FAARFANNAA 92-95

Onkoloolessa 7-13

Faarfannaa 84 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Yihowaa Tajaajiluun Daandii Jireenyaa Hundarra Wayyudha!

(Daq. 10)

Yihowaa waaqeffachuun keenya sirriidha (Fr 92:1, 4; w18.04 26 key. 5)

Inni sabasaatiif hubannaa guddaa ni kenna (Fr 92:5; w18.11 20 key. 8)

Yihowaan warra dulluma keessa isa tajaajilaniifillee iddoo guddaa ni kenna (Fr 92:12-15; w20.01 19 key. 18)

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Akkan Yihowaadhaaf of hin murteessinee fi hin cuuphamne maaltu na dhorka?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 92:5—Yaanni caqasa kanarra jiru ogummaa Yihowaa kan ibsu akkamitti? (cl 211 key. 18)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Carraa argattetti fayyadamuudhaan nama sanatti barsiisaa Kitaaba Qulqulluu taʼuu kee himi. (lmd barumsa 5 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama kanaan dura Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu didee fi amma garuu fedhii qabu Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 8 qabxii 4)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) Marii barataa Kitaaba Qulqulluu guddina gochaa hin jirree wajjin godhamu. (lmd barumsa 12 qabxii 5)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 5

7. Ijoolleen Garmalee Yommuu Dhiphatan

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Namoonni Yihowaa tajaajilan dhiphinarraa bilisa miti. Fakkeenyaaf, Daawit yeroo garaagaraatti dhiphatee ture; obboloonni keenya yeroo harʼaa jiran hedduunis dhiphachuu dandaʼu. (Fr 13:2; 139:23) Kan nama gaddisiisu, ijoolleenillee dhiphachuu dandaʼu. Yeroo tokko tokko, dhiphinni sochiiwwan baramoo taʼan, kanneen akka mana barumsaa deemuu ykn walgaʼiirratti hirmaachuu ulfaataa akka fakkaatan gochuu dandaʼa. Dhiphinni namni tokko garmalee akka sodaatu ykn of ajjeesuufillee akka yaadu gochuu dandaʼa.

Ijoolle, garmalee yoo dhiphattan warra keessan ykn nama gaʼeessa taʼe tokkotti himaa. Yihowaan akka isin gargaaruufis kadhadhaa. (Flp 4:6) Inni isin gargaara. (Fr 94:17-19; Isa 41:10) Mee muuxannoo Istiingi haa ilaallu.

VIIDIYOO Yihowaan Naaf Yaada jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

• Caqasni Istiingiin gargaare isa kamidha? Akkamitti isa gargaare?

• Yihowaan akkamitti isa kunuunse?

Warri, ijoollee keessan obsaan dhaggeeffachuudhaan, jaalala isaanitti argisiisuu fi Yihowaan akka isaan jaallatu amantii akka qabaatan isaan gargaaruudhaan dhiphina akka dandamatan isaan gargaaruu dandeessu. (Tit 2:4; Yaq 1:19) Yihowaan akka isin jajjabeessuu fi jabina ijoollee keessan gargaaruuf isin dandeessisu akka isiniif kennu isatti amanamaa.

Miseensi gumii tokko garmalee dhiphachaa akka jiru ykn miirri akkamii isatti dhagaʼamaa akka jiru beekuu dhiisuu dandeenya. Taʼus, obboloonni gumii keenya keessa jiran akka jaallatamanii fi nu biratti iddoo guddaa akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu gochuudhaan isaan gargaaruu dandeenya.—Fak 12:25; Ibr 10:24.

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 81 fi Kadhannaa