Ittiin Lixa
DAMMAQAA!
Gaaffii: Barruu Dammaqaa! dhiheenyatti baʼe sii kennuun dhufe. Mee gaaffii fuula 2 irra jiru qalbeeffadhu. Maal sitti fakkaata?
Caqasa: Fak 24:10
Barreeffamicha Kennuuf: Mata dureen kun yaada dabalataa kanaa wajjin wal simu ibsa.
DAMMAQAA!
Gaaffii: Michoota gaarii filachuun barbaachisaa sitti hin fakkaatuu?
Caqasa: Fak 13:20
Barreeffamicha Kennuuf: Barruun Dammaqaa! kun michoota gaarii filachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. [Mata duree fuula 10-11 irra jiru itti argisiisi.]
WAAQAYYOON DHAGGEEFFADHU
Gaaffii: Addunyaa kana fakkaatu keessa jiraachuu hin barbaadduu? [Fuula 2-3 itti argisiisiitii hanga deebii kennutti eegi.]
Caqasa: Er 29:11
Barreeffamicha Kennuuf: Birooshurri kun Waaqayyoon dhaggeeffachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi gara fuulduraatti maal akka inni nuuf yaade ibsa. [Fuula 4-5 irratti mariʼadhaa.]
ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU
Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi