Guraandhala 1-7
Nahimiyaa 1-4
Faarfannaa 13 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Nahimiyaan Waaqeffannaa Dhugaa Ni Jaallata Ture”: (Daq. 10)
[Viidiyoo Beeksisa Kitaaba Nahimiyaa jedhamu taphachiisi.]
Nah 1:11–2:3—Wanti Nahimiyaa gammachiise waaqeffannaan dhugaa babalʼachuu isaa ti (w06-AM 2/1 9 key. 7)
Nah 4:14—Nahimiyaan Yihowaa irratti xiyyeeffachuudhaan mormii waaqeffannaa dhugaa irratti kaʼe moʼeera (w06-AM 2/1 10 key. 2)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Nah 1:1; 2:1—Nahimiyaa 1:1 fi 2:1 irratti gaaleen “waggaa digdammaffaa” jedhu kan shallagame yeroo wal fakkaatu irraa kaʼamee ti kan jennu maaliifi? (w06-AM 2/1 8 key. 5)
Nah 4:17, 18—Namni hojii deebisanii ijaaruu irratti hirmaatu harka tokkoon qofa hojjechuu kan dandaʼu akkamitti? (w06-AM 2/1 9 key. 1)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa qabxiin tajaajila irratti itti fayyadamuu dandaʼu isa kami?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: Nah 3:1-14 (Daq. 4 ykn isaa gad)
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Ittiin Lixa Jiʼa Kanaa Qophaaʼi: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Ittiin lixa viidiyoodhaan qophaaʼe hunda taphachiisi; achiis yaada ijoo isaa irratti mariʼadhaa. Akkaataa babalʼisichi deddeebii gaaffiitiif haala itti mijeesse addeessi. Ittiin lixa mataa isaanii akka qopheeffatan babalʼistoota jajjabeessi.
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Faarfannaa 45
Jiʼa Bitootessaa ykn Eblaatti Qajeelchaa Gargaaraa Taatanii Tajaajiluuf Ammumaa Karoorfadhaa: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Qabxiiwwan barbaachisoo mata duree “Tibbi Ayyaana Yaadannoo Kan Nama Gammachiisu Akka Taʼu Godhaa!” jedhu jala jiran irratti mariʼadhaa. (km 2/14 2) Dursanii karoorfachuun barbaachisaa taʼuu isaa addeessi. (Fak 21:5) Babalʼistoota kanaan dura qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilan lamaaf gaafannoo godhi. Gufuuwwan akkamii moʼaniiru? Gammachuu akkamii argatan?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: cf boq. 17 key. 10-15 (Daq. 30)
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 25 fi Kadhannaa