Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ASTEER 1-5

Asteer Saba Waaqayyootiif Jecha Tarkaanfii Fudhatteetti

Asteer Saba Waaqayyootiif Jecha Tarkaanfii Fudhatteetti

Asteer saba Waaqayyoo yeroo oolchitetti amantii cimaa fi ija jabina akka qabdu argisiisteetti

  • Utuu hin waamamin gara mootichaatti ol seenuun duʼa namatti fiduu dandaʼa. Mootichi guyyoota 30f Asteer akka ol seentu ishii hin afeerre.

  • Ahashweros Mootichi, inni Xaraksiis 1ffaa akka taʼe yaadamu nama baayʼee hamaa ture. Yeroo tokko, namichi tokko bakka lamatti baqaqfamee akka akeekkachiisaatti namoonni akka isa ilaalan ajajee ture. Akkasumas waan isaaf hin ajajamneef Waashtii mootittiin aangoo ishii irraa akka buutu taasiseera.

  • Asteer Yihudii taʼuu ishii beeksisuu fi mootichi gorsaa isaa inni amanuun akka gowwoomfame isa amansiisuu qabdi turte.