Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”

“Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”

Yesuus yommuu lafa irra jiraachaa turetti, ajaja “Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!” jedhu addeesseera. (Bau 20:12; Mat 15:4) Yesuus yeroo dargaggeessa turetti illee warra isaatiif ‘ajajamuu isaa waan itti fufeef,’ afaan isaa guutee dubbachuu ni dandaʼa ture. (Luq 2:51, milj.) Yommuu nama guddaa turetti immoo, haadha isaatiif kunuunsi akka godhamu qophii godhee ture.—Yoh 19:26, 27.

Bara keenyattis, dargaggoonni warra isaaniitiif ajajamanii fi karaa ulfina qabuun isaanitti dubbatan akka isaan kabajan argisiisu. Ajajni warra keenyaaf ulfina akka kenninu kenname yeroon kan itti hin darbine dha. Warri keenya erga dulloomanii booda illee, ogummaa isaanii irraa fayyadamuudhaan ulfina isaaniif kennuu keenya itti fufuu qabna. (Fak 23:22) Akkasumas karaa miiraas taʼe karaa qarshii wanta isaan barbaachisu isaaniif guutuudhaan warra keenya dulloomaniif ulfina akka kenninu argisiisna. (1Xi 5:8) Dargaggootas taane maanguddoo, warra keenyaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuun keenya isaan kabajuuf murteessaa dha.

ANIMEESHINII GABATEE ADII WARRA KOOTTI DUBBACHUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI? JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Warra keetti dubbachuun rakkisaa kan sitti taʼu maaliif taʼuu dandaʼa?

  • Yommuu warra keetti dubbattu isaaniif ulfina kennuu kan dandeessu akkamitti?

  • Warra keetti dubbachuuf carraaqqii gochuun kee kan nama gaabbisiisu kan hin taane maaliifi? (Fak 15:22)

    Warra kee wajjin mariʼachuun jireenyi kee akka milkaaʼu si gargaaruu dandaʼa