Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 14-15

Namoota Muraasatti Fayyadamanii Namoota Hedduu Sooruu

Namoota Muraasatti Fayyadamanii Namoota Hedduu Sooruu

Yesuus Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 32 dura dinqii barreessitoonni Wangeelaa arfanuu barreessan raawwate.

Yesuus dinqii kanatti fayyadamee, mala bara keenyattis itti fayyadamaa jiru argisiiseera.

14:16-21

  • Yesuus barattoonni isaa daabboo shanii fi qurxummii lama qofa kan qaban taʼus, namoota hedduu akka sooran isaan ajaje

  • Yesuus daabboo fi qurxummii fuudhee erga kadhatee booda, barattoonni isaa namootaaf akka hiran isaanitti kenne, isaanis namootaaf hiran

  • Dinqiidhaan, namoota hundaaf nyaanni irraa hafaan akka jiraatu godhame. Yesuus barattoota isaa muraasatti fayyadamee namoota kumaan lakkaaʼaman nyaachiseera

  • Yesuus guyyoota dhumaatti karaa “yeroo sirrii taʼetti nyaata” hafuuraa ittiin qopheessu akka muudu raajiidhaan dubbateera.—Mat 24:45

  • Yesuus bara 1919⁠tti, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ garee obboloota dibamtoota taʼan muraasni “maatii isaa” akka sooran muudeera

  • Yesuus haala jaarraa jalqabaatti hundeesse hordofuudhaan, garee muraasa obboloota dibamtoota taʼan kanatti fayyadamaa jira

Daandii Yesuus namoota karaa hafuuraa ittiin sooruuf, beekamtii akkan kennuu fi akkan kabaju argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?