Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Gaaffiiwwanitti Akka Gaariitti Fayyadamuu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Gaaffiiwwanitti Akka Gaariitti Fayyadamuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? “Akeeki garaa namaa akka bishaan gadi fagoo” waan taʼeef, gaaffii gaafachuun akkuma nama baaldiidhaan bishaan gad fagoo waraabuutti ilaalamuu dandaʼa. (Fak 20:5) Gaaffiiwwan, namoonni nu dhaggeeffatan hirmaannaa akka godhan gargaaru. Deebiin gaaffiiwwan itti yaadamanii filatamaniif kennamu yeroo baayʼee buʼaa guddaa qabu. Yesuus gaaffiiwwanitti akka gaariitti fayyadama ture. Nuti hoo Yesuusiin hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Gaaffii ilaalcha isaanii akka ibsan godhu gaafadhaa. Yesuus walitti aansuudhaan gaaffiiwwan gaafachuudhaan ilaalcha barattoonni isaa qaban hubachuu dandaʼeera. (Mat 16:13-16; be 238 key. 3-5) Isin hoo gaaffiiwwan akkamii gaafachuu dandeessu?

  • Gaaffiiwwan dabalataa gaafadhaa. Yesuus ilaalcha Pheexiros sirreessuuf, gaaffii kan isa gaafate siʼa taʼu, deebii murtoo sirrii irra akka gaʼu isa dandeessisu Pheexirosiif kenneera. (Mat 17:24-26) Namni tokko murtoo sirrii irra akka gaʼuuf gaaffiiwwan dabalataa akkamii isa gaafachuu dandeessu?

  • Namoota isin dhaggeeffatan galateeffadhaa. Barsiisaan seeraa tokko ‘hubannaadhaan erga deebisee’ booda, Yesuus isa galateeffateera. (Mar 12:34) Ati hoo nama gaaffii ati gaafatteef deebii kenne galateeffachuu kan dandeessu akkamitti?

KUTAA JALQABAA VIIDIYOO HOJII YESUUS HOJJETE RAAWWADHAA—BARSIISUU JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Odeeffannoon isaa sirrii taʼus, fakkeenyi kun akka gaariitti barsiisuuf gaarii miti kan jennu maaliifi?

  • Odeeffannoo tokko ibsuu caalaa maal gochuu qabna?

KUTAA LAMMAFFAA VIIDIYICHAA ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboleessi gaaffiiwwanitti karaa buʼa qabeessa taʼeen kan itti fayyadame akkamitti?

  • Akkaataa inni itti barsiise irraa wantoota kan biraa akkamii barachuu dandeenya?

Akkaataan itti barsiisnu warra kaan irratti jijjiirama akkamii fida? (Luq 24:32)