Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 18-19

Ofis Taʼe Namoota Kaan Gufachiisuu Irraa Of Qusadhaa

Ofis Taʼe Namoota Kaan Gufachiisuu Irraa Of Qusadhaa

Yesuus nama gufachiisuunis taʼe ofii gufachuun cimaa akka taʼe barsiisuuf fakkeenyotatti fayyadameera.

18:6, 7

  • ‘Wanta gufachiisu’ kan jedhame gocha ykn haala namni tokko karaa dogoggoraa irra akka buʼu taasisu, gufachiisu ykn gama naamusaatiin akka kufu ykn cubbuu akka hojjetu godhu dha

  • Namni nama gufachiisu dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanaan yoo liqimfame isaaf wayya

Dhagaa daakuu

18:8, 9

  • Yesuus duuka buutonni isaa nama gufachiisuu mannaa, waan gatii guddaa qabu kan akka harkaa ykn ijaa dhabuu akka isaaniif wayyu isaan gorseera

  • Wantoota kana qabaatanii Gahaannam isa fakkeenya bara baraaf balleeffamuu argisiisu keessatti baduu mannaa, wantoota gatii guddaa qaban kana dhabanii Mootummaa Waaqayyootti galuu wayya

Wanti jireenya koo keessatti gufannaadhaaf sababii taʼuu dandaʼu maali dha? Ofii koos taʼe warra kaan gufachiisuu irraa of qusachuu kanan dandaʼu akkamitti?