Guraandhala 5-11
MAATEWOS 12-13
Faarfannaa 27 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Fakkeenya Waaʼee Qamadii fi Inkirdaadaa Dubbatame”: (Daq. 10)
Mat 13:24-26—Namni tokko maasii isaa irratti sanyii gaarii facaase, diinni isaa immoo dhufee maasicha irratti inkirdaada facaase (w13 7/15 9-10 key. 2-3)
Mat 13:27-29—Qamadichii fi inkirdaadichi hanga yeroo makaraatti waliin guddatan (w13 7/15 10 key. 4)
Mat 13:30—Yeroo makaraatti, namoonni midhaan haaman jalqaba inkirdaadicha, achiis qamadicha walitti qaban (w13 7/15 12 key. 10-12)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Mat 12:20—Gara laafina Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (“foʼaa ibsaa aaru” nwtsty qabxiiwwan qoʼannaa Mat 12:20)
Mat 13:25—Bara duriitti namni tokko dhugumaan maasii namaa irratti inkirdaada facaasa yaanni jedhu amansiisaa dhaa? (w16.10 32)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Mat 12:1-21
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Dhugaa Baʼuu—Viidiyoo: (Daq. 4) Viidiyicha erga taphachiistee booda irratti mariʼadhaa.
Deddeebii Gaaffii Jalqabaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadami.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 6 ykn isaa gad) bhs 22-23 key. 10-12
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa: (Daq. 5)
“Fakkeenyota Waaʼee Mootummichaa Dubbatamanii fi Hiika Isaan Nuuf Qaban”: (Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu. Fakkeenyonni kun hirmaannaa tajaajila irratti goonu irratti jijjiirama fiduu kan qaban akkamitti akka taʼe mariʼadhaa.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) kr “Kutaa 6—Mootummicha Deggeruu—Iddoo Waaqeffannaa Ijaaruufi Yeroo Balaan Gaʼu Gargaarsa,” boq. 18 key. 1-8
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 72 fi Kadhannaa