Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 12-13

Fakkeenya Waaʼee Qamadii fi Inkirdaadaa Dubbatu

Fakkeenya Waaʼee Qamadii fi Inkirdaadaa Dubbatu

Yesuus fakkeenya qamadichaa fi inkirdaadichaa kan dubbate, kutaa qamadichaa, jechuunis Kiristiyaanota dibamoo Dh.K.B. bara 33 kaasee dibamuu jalqaban guutummaa ilmaan namootaa keessaa kan sassaabu akkamittii fi yoom akka taʼe ibsuufi dha.

13:24

‘Namni tokko maasii isaa irratti sanyii gaarii facaase’

  • Kan facaase: Yesuus Kiristoos

  • Sanyiin gaariin facaafamuun isaa: Barattoonni Yesuus hafuura qulqulluudhaan dibamuu isaanii

  • Maasicha: Addunyaa ilmaan namootaa

13:25

“Utuu namoonni rafaa jiraniis, diinni namichaa dhufee qamadii facaasame sana gidduutti inkirdaada facaase”

  • Diina: Diyaabilos

  • Namoonni rafuu isaanii: Duʼa ergamootaa

13:30

“Dhiisaa, hanga yeroo makaraatti lamaanuu waliin haa guddatan”

  • Qamadicha: Kiristiyaanota dibamoo

  • Inkirdaadicha: Kiristiyaanota Sobaa

‘Jalqaba inkirdaadicha bissii bissiidhaan hidhaa; sana boodas qamadicha gootaraa kootti galchaa’

  • Garboota/warra midhaan haaman: Maleekota

  • Inkirdaadichi bissii bissiidhaan hidhamuu isaa: Kiristiyaanota sobaa Kiristiyaanota dibamoo irraa addaan baasuu

  • Gootaraatti galchuu: Kiristiyaanonni dibamoon gumii deebiʼee hundeeffametti walitti qabamuu isaanii

Yeroon makaraa yommuu jalqabetti, wanti Kiristiyaanota dhugaa Kiristiyaanota sobaa irraa adda baasee akka beekamu godhe maali dha?

Hiika fakkeenyi kun qabu hubachuun koo dhuunfaatti kan na fayyadu akkamitti?