Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ROOMAA 4-6

“Waaqayyo . . . Jaalala Nuuf Qabu Argisiiseera”

“Waaqayyo . . . Jaalala Nuuf Qabu Argisiiseera”

5:8, 18, 21

Kennaan furii Yihowaan nuuf kenne, maqaa isaa qulqulleessuu fi ol aantummaan isaa akka mirkanaaʼu gochuu keessatti gaʼee guddaa qaba. Furichi yeroo ammaatti Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu akka qabaannu godha; akkasumas gara fulduraatti namoota ajajamoo taʼan hundaaf jireenya bara baraa argamsiisa.

Dinqisiifannaa furichaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Of murteessuu fi cuuphamuun keenya furicha irratti amantii akka qabnuu fi kan Yihowaa taʼuu akka barbaannu argisiisa

  • Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuun keenya akkuma Yihowaa namoota akaakuu hundumaatiif jaalala akka qabnu argisiisa.—Mat 22:39; Yoh 3:16

Karaawwan kan biroo kamiin dinqisiifannaa furichaaf qabu argisiisuu dandaʼa?