Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jabaattanii Dhaabachuudhaan Hawwii Guddaadhaan Eeggachuu Keessan Itti Fufaa

Jabaattanii Dhaabachuudhaan Hawwii Guddaadhaan Eeggachuu Keessan Itti Fufaa

Dhufaatii Mootummaa Waaqayyoo eegaa kan turtan yeroo hammamiitiifi? Rakkoowwan isin irra gaʼaa kan jiran taʼan illee, jabaattanii dhaabachuudhaan obsaan eeggachaa jirtuu? (Rom 8:25) Kiristiyaanota tokko tokko irra jibbi, hacuuccaan, hidhaan ykn doorsisni ajjeechaa gaʼaa jira. Hedduun isaanii immoo rakkoowwan akka dullumaa ykn dhukkuba fayyuu hin dandeenyee jiranii wajjin qabsaaʼaa jiru.

Haala rakkisaa akkamii keessatti kan argamnu taʼu illee hawwiidhaan eeggachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan amantii keenya cimsachuu qabna. Akkasumas abdii keenya irratti xiyyeeffachuu qabna. (2Qo 4:16-18; Ibr 12:2) Kana malees, Yihowaatti wawwaannaa dhiheessuu fi hafuurri isaa humna akka nuuf kennu kadhannaadhaan isa gaafachuu qabna. (Luq 11:10, 13; Ibr 5:7) Akkas kan goonu yoo taʼe, Abbaan keenya inni jaalala qabeessi ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee akka dhaabannu’ nu gargaaruu dandaʼa.—Qol 1:11.

VIIDIYOO ‘JABINAAN FIIGUU’ QABNA—BADHAASICHA AKKA ARGATTAN MIRKANAAʼOO TAʼAA JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Jireenya keenya keessatti “wantoonni hin eegamne” akkamii nu mudachuu dandaʼu? (Lal 9:11, NW)

  • Yeroo rakkoon nu irra gaʼutti kadhannaan kan nu gargaaru akkamitti?

  • Tajaajila Yihowaa keessatti hamma kanaan duraa hirmaannaa gochuu yeroo dadhabnutti, wantoota amma gochuu dandeenyu irratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi?

  • Iji keessan badhaasicha irratti haa xiyyeeffattu

    Badhaasicha akka argattan mirkanaaʼoo taatanii jiraachuuf kan isin gargaaru maali dha?