Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoota Kitaaba Qulqulluu Guddina hin Argisiisne Qoʼachiisuu Dhiisuu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoota Kitaaba Qulqulluu Guddina hin Argisiisne Qoʼachiisuu Dhiisuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Namoonni fayyuuf maqaa Yihowaa waammachuun isaanii dirqama dha. (Rom 10:13, 14) Haa taʼu malee, namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii galuu hundi ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simee jiraata jechuu miti. Tajaajila irratti namoota dhugumaan jijjiiramuudhaan Yihowaa gammachiisuu barbaadan gargaaruudhaan yeroo keenya isa gati jabeessa taʼe akka gaariitti itti fayyadamna. Yeroo gaʼaa erga kennitaniifii booda illee barataan Kitaaba Qulqulluu keessan yoo guddina argisiisuu baate, namoota Yihowaan gara isaa fi gara jaarmiyaa isaatti isaan harkisu kan biroo gargaaruu irratti xiyyeeffanna. (Yoh 6:44) Namni kun gara fuulduraatti ragaan nama ‘jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qabu’ taʼu isaa argisiisu yoo jiraate garuu, gammachuudhaan isa qoʼachiisuu keenya itti fufna.—HoE 13:48.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Barataan keessan beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe argachuuf fedhii qabaachuu isaatiif isa galateeffadhaa.—1Xi 2:4

  • Wanta barate hojiirra oolchuun isaa baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa jabeessaa ibsaa.—Luq 6:46-49

  • Fakkeenya Yesuus waaʼee namicha sanyii facaasuu ilaalchisee dubbate irratti gaarummaadhaan mariʼadhaa; achiis wanti guddina akka hin goone gufuu isatti taʼe maal akka taʼe gaafadhaa.—Mat 13:18-23

  • Qoʼannaa isaa addaan kutuuf kan murteessitan maaliif akka taʼe malaan ibsaafii

  • Isa jajjabeessuuf yeroo yerootti dhaqxanii akka isa gaafattanii fi guddina kan argisiisu taanaan immoo qoʼannaa keessaan itti fufuu akka dandeessan isaaf ibsaa

VIIDIYICHA, ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Marii bartichi guddina hafuuraa gochaa akka hin jirre argisiisu irraa maal barachuu dandeessu?

  • Babalʼisaan sun barataan isaa jijjiirama gochuun akka isa barbaachisu akka hubatu kan isa gargaare akkamitti?

  • Babalʼisaan sun barataan isaa yeroo qoʼannaa isaa itti fufuuf qophaaʼaa akka taʼe isatti dhagaʼamu kamitti iyyuu itti fufuu kan dandeessan taʼuu isaa akka hubatu kan gargaare akkamitti?