Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ROOMAA 9-11

Fakkeenya Waaʼee Muka Ejersaa Dubbatame

Fakkeenya Waaʼee Muka Ejersaa Dubbatame

11:16-26

Wantoonni muka ejersaa fakkeenyaan ibsame keessatti caqasaman maal bakka buʼu?

  • Muka: kakuu Yihowaan Abrahaamiif galee wajjin haala wal qabateen karaa itti Waaqayyo kaayyoo isaa raawwatu

  • Jirma: Yesuus, jechuunis kutaa sanyii Abrahaam isa guddicha

  • Dameewwan: guutummaa miseensota kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam

  • Dameewwan “caccaban”: namoota dhalootaan Yihudoota taʼanii fi Yesuusiin utuu hin fudhatin hafan

  • Dameewwan itti “maxxanfaman”: Kiristiyaanota hafuuraan dibamanii fi saba hundumaa keessaa filataman

Akkuma raajiidhaan dubbatame, sanyiiwwan Abrahaam, jechuunis Yesuusii fi dibamtoonni 144,000 “sabootaaf” eebba guddaa fidu.—Rom 11:12; Uma 22:18

Kakuu Yihowaan sanyii Abrahaamiif galee wajjin haala wal qabateen, karaa itti inni kaayyoo isaa raawwate irraa maalan baradha?