Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Amalawwan Waaqayyoo Warra Ijaan hin Argamne ni Hubattaa?

Amalawwan Waaqayyoo Warra Ijaan hin Argamne ni Hubattaa?

Yommuu abaaboowwan halluu garaagaraa qaban, samii urjiiwwaniin guutaman, fincaaʼaawwan humna guddaa qaban argitan hojiin Uumaa isinitti mulʼataa? Uumamawwan naannoo keenyatti argaman, amalawwan Yihowaa warra ijaan hin argamne ifatti mulʼisu. (Rom 1:20) Takka dhaabannee wanta ijaan argine irratti xiinxalluudhaan, humna, jaalala, ogummaa fi haqa, akkasumas arjummaa Yihowaa hubachuu dandeenya.—Far 104:24.

Guyyaa guyyaatti wantoota Yihowaan uume kamfaa argita? Magaalaa keessa kan jiraattan yoo taʼe illee, sinbirootaa ykn mukkeen arguu dandeessu taʼa. Uumamawwan Yihowaa xiyyeeffanaadhaan ilaaluun keenya, dhiphina keenya hirʼisuudhaan wantoota barbaachisoo taʼan irratti akka xiyyeeffannuu fi dandeettii Yihowaan bara baraaf nu kunuunsuuf qabu irratti amantiin qabnu akka guddatu gochuu dandaʼu. (Mat 6:25-32) Ijoollee yoo qabaattan, amalawwan Yihowaa warreen gita hin qabne hubachuu akka dandaʼan isaan gargaaraa. Dinqisiifannaan uumamawwan naannoo keenyatti argamaniif qabnu guddaachaa yommuu deemu, caalaatti Uumaa keenyattii dhihaachaa deemna.—Far 8:3, 4.

VIIDIYOO UUMAMNI DINQISIISAAN ULFINA WAAQAYYOO MULʼISAIFAA FI HALLUU JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Keemikaalonni uumamawwan irra jiran halluuwwan arguuf kan nu dandeessisan akkamitti?

  • Wanti bifa tokko kallattii gara garaatiin yommuu ilaallu bifa adda addaa akka arginu godhu maali dha?

  • Samii irratti halluuwwan gara garaa kan arginu maaliifi?

  • Halluuwwan dinqisiisoo uumamaan naannoo keessan keessatti argaman akkamii argitanii beektu?

  • Yeroo ramaduudhaan uumamawwan addunyaa keenya keessatti argaman xiyyeeffanaadhaan ilaaluu kan qabnu maaliifi?

Ifnii fi halluun amalawwan Yihowaa warra ijaan hin argamne akkamii mulʼisu?