Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LUQAAS 19-20

Fakkeenya Waaʼee Miinaa Kudhan Dubbatame Irraa Baradhaa

Fakkeenya Waaʼee Miinaa Kudhan Dubbatame Irraa Baradhaa

19:12-24

Wantoonni fakkeenya kana keessatti caqasaman adda addaa maal argisiisu?

  1. Gooftichi Yesuusiin argisiisa

  2. Garboonni sun immoo barattoota Yesuus dibamtoota taʼan argisiisa

  3. Maallaqni gooftichi garboota sanatti kenne, mirga guddaa barattoota gochuuf qaban argisiisa

Fakkeenyi kun barattoonni Kiristoos dibamtoota taʼan, amala garbicha isa hamaa sanaa yoo argisiisan wanta isaan mudachuu dandaʼu ilaalchisee akeekkachiisa qabateera. Yesuus barattoonni isaa yeroo, humnaa fi qabeenya isaanii hunda, hojii barattoota gochuu irratti guutummaatti akka itti fayyadaman isaan irraa eega.

Hojii barattoota gochuu irratti, fakkeenya Kiristiyaanota dibamoo fi amanamoo taʼanii hordofuu kanan dandaʼu akkamitti?