Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yesuus Obboleessa Keetiifis Duʼeera

Yesuus Obboleessa Keetiifis Duʼeera

Yesuus namoota cubbamoota taʼaniif jireenya isaa aarsaa godheera. (Rom 5:8) Yesuus lubbuu isaa nuuf jecha aarsaa gochuudhaan jaalala nutti argisiise dhuunfaatti akka dinqisiifannu homaa hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko Yesuus obboleessa keenyaafis akka duʼe of yaadachiisuu qabna. Obboloota keenya akkuma keenya muudaa qabaniif jaalala akka Kiristoos argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaawwan kana gochuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu. Tokkoffaa, namoota akkaataan guddinaa isaanii kan keenya irra adda taʼe dabalatee obboloota garagaraa wajjin michoomuu ni dandeenya. (Rom 15:7; 2Qor 6:12, 13) Lammaffaa, wanta warra kaan mufachiisuu dandaʼu dubbachuu ykn gochuu irraa of qusachuu dandeenya. (Rom 14:13-15) Sadaffaa, namni tokko yoo balleessaa nu irratti raawwate dafnee dhiifama gochuufii dandeenya. (Luq 17:3, 4; 23:34) Karaawwan kanaan fakkeenya Yesuus hordofuuf kan carraaqnu yoo taʼe, Yihowaan gumiin keenya nagaa fi tokkummaa akka qabaatu gochuudhaan nu eebbisuu isaa itti fufa.

VIIDIYOO CAALAATTI BAREEDDUU TAʼUU! JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Miikiin gumii ishii ilaalchisee jalqaba irratti maaltu ishiitti dhagaʼame?

  • Wanti ilaalchi ishii akka jijjiiramu godhe maali dha?

  • Ilaalcha ishii jijjiiruuf fakkeenyi Yesuus kan ishii gargaare akkamitti? (Mar 14:38)

  • Fakkeenyi 19:11 obboloota keenyaaf ilaalcha gaarii qabaachuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?