Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Haadha Manaa Loox Yaadadhaa

Haadha Manaa Loox Yaadadhaa

Haati manaa Loox yeroo Sodoom keessaa baqachaa turtetti duuba ishii kan ilaalte maaliifi? Kitaabni Qulqulluun sababii isaa hin ibsu. (Uma 19:17, 26) Yaanni naannoo akeekkachiisa Yesuus kenne irra jiru akka argisiisutti, wantoota dhiistee baate waan hawwiteef taʼuu dandaʼa. (Luq 17:31, 32) Akka haadha manaa Loox surraa Waaqayyoo akka hin dhabne of eguu kan dandeenyu akkamitti? Hawwiin jireenya qananii jiraachuuf qabnu wanta dursa kenninuuf akka taʼu heyyamuu hin qabnu. (Mat 6:33) Yesuus, “Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan” jechuudhaan nu barsiiseera. (Mat 6:24) Haa taʼu malee, qabeenyi wantoota hafuuraatiif dursa akka hin kennine nu dhowwuu akka jalqabe yoo hubanne hoo? Jijjiirama gochuu nu barbaachisu akka hubannu, akkasumas ija jabinaa fi humna kana gochuuf nu dandeessisu akka nuuf kennu Yihowaa kadhachuu dandeenya.

VIIDIYOO KUTAA SADII HAADHA MANAA LOOX YAADADHAA JEDHAMU YAADACHUUDHAAN, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Gocha kootiin ‘haadha manaa Loox akkan yaadadhu’ argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?

    Qarshii dabalataa akka argattu dhiibbaan Gilooriyaa irratti godhame yaada, dubbii fi gocha ishii irratti dhiibbaa kan geessise akkamitti?

  • Fakkeenyi haadha manaa Loox yeroo harʼaatti akeekkachiisaa kan nuuf taʼu akkamitti?

  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun Joo fi maatii isaa kan gargaare akkamitti?

  • Michummaan Aanaan bakka hojiitti uumte, hariiroo Yihowaa wajjin qabdu kan tuqe akkamitti?

  • Jireenya keenya keessatti qarshiidhaaf dursa akka kenninuuf yoo dhiibbaan nu irratti godhame ija jabina argisiisuu kan qabnu maaliifi?

  • Biraayanii fi Gilooriyaan deebisanii wantoota hafuuraatiif dursa kennuu kan jalqaban akkamitti?

  • Viidiyoo kana irraa qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu kamfaa argatteetta?