Hagayya 1-7
FAARFANNAA 87-91
Faarfannaa 49 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
‘Golgaa Isa Hundumaa Gararraa Keessa Jiraadhaa’: (Daq. 10)
Far 91:1, 2—‘Golgaan’ Yihowaa nageenya hafuuraa argamsiisa (w10 2/15 26-27 key. 10-11)
Far 91:3—Seexanni akkuma adamsaa simbirroo qabuu kiyyoo isaa keessa nu galchuuf yaala (w07 10/1 26-30 key. 1-18)
Far 91:9-14—Yihowaan isa kooluu itti gallu dha (w10 1/15 10-11 key. 13-14; w01-AM 11/15 19-20 key. 13-19)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Far 89:34-37—Kakuun caqasawwan kana irratti ibsame isa kami dha? Yihowaan kakuun kun kan amanamu taʼuu isaa fakkeenyaan kan ibse akkamitti? (w14 10/15 10 key. 14; w07-AM 7/15 32 key. 3-4)
Far 90:10, 12—‘Ogummaa garaatti akka galfannutti guyyoota jireenya keenyaa lakkaaʼuu’ kan dandeenyu akkamitti? (w06-AM 7/15 13 key. 4; w01-AM 11/15 13 key. 19)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa qabxiin tajaajila irratti itti fayyadamuu dandaʼu isa kami?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isa gad) Far 90:1-17
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Ittiin Lixa Jiʼa Kanaa Qophaaʼi: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Ittiin lixa viidiyoodhaan qophaaʼe hunda taphachiisi; achiis yaada ijoo irratti mariʼadhaa. Ittiin lixa mataa isaanii akka qopheeffatan babalʼistoota jajjabeessi.
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa: (Daq. 5)
“Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Akka Of Murteessanii fi Akka Cuuphaman Gargaaruu”: (Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu. Gaaffiiwwan armaan gadiitti fayyadamuudhaan babalʼisaa namni tokko akka of murteessuu fi akka cuuphamu gargaareef gaafannoo godhi. Barataan kee jaalala Yihowaadhaaf qabu akka guddifatu gochuuf carraaqqii akkamii gootetta? Barataan kee galma hafuuraa irra akka gaʼu kan gargaarte hoo akkamitti?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) ia boq. 11 key. 1-11
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 137 fi Kadhannaa