Golgaa Isa Hundumaa Gararraa Keessa Jiraadhaa
‘Golgaan’ Yihowaa nageenya hafuuraa argamsiisa
-
Yeroo harʼaatti golgaa Yihowaa keessa jiraachuuf of murteessuu fi cuuphamuun barbaachisaa dha
-
Namoonni Waaqayyotti hin amanamne bakka kana hin beekan
-
Namoota golgaa Yihowaa keessa jiran irratti, namni ykn wanti amantii isaan Waaqayyo irratti qabanii fi jaalala isaan isaaf qaban balaadhaaf saaxiluu dandaʼu kam iyyuu dhiibbaa isaan irratti hin geessisu
‘Adamsaan’ kiyyootti nu galchuuf yaalii godha
91:3 hiika bara 1899
-
Simbirroonni dammaqoo waan taʼaniif kiyyoodhaan isaan qabuun rakkisaa dha
-
Namni tokko simbirroota qabuuf amala simbirrootaa of eeggannoodhaan qorachuu fi mala ittiin isaan qabu beekuu qaba
-
Seexanni, inni “adamsaa” taʼe saba Yihowaa qorachuudhaan, kiyyoo karaa hafuuraa akka mancaʼan isaan gochuu dandaʼu qopheessa
Kiyyoowwan balaa cimaa geessisanii fi Seexanni itti fayyadamu afur:
-
Sodaa Namaa
-
Jaalala Qabeenyaa
-
Bohaartii Gadhee
-
Garaa Garummaa Yaadaa