Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Akka Of Murteessanii fi Akka Cuuphaman Gargaaruu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Akka Of Murteessanii fi Akka Cuuphaman Gargaaruu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaa duratti fudhatama argachuuf isaaf of murteessuu fi cuuphamuu qabu. (1Ph 3:21) Namoonni akka warra isaaf of murteessaniitti jiraatan eegumsa hafuuraa argatu. (Far 91:1, 2) Kiristiyaanni tokko kan of murteessu Yihowaadhaaf malee, nama tokkoof, hojii tokkoof ykn jaarmiyaa tokkoof miti. Kanaaf, barattoonni jaalalaa fi dinqisiifannaa Waaqayyoof qaban guddifachuu qabu.—Rom 14:7, 8.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Yommuu qoʼattan barumsi sun waaʼee Yihowaa maal akka ibsu mariʼadhaa. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi “utuu gargar hin kutin” Yihowaa kadhachuun barbaachisaa akka taʼe addeessaa.—1Ta 5:17; Yaq 4:8

  • Barataan keessan of murteessuu fi cuuphamuuf galma akka baafatu isa jajjabeessa. Akkasumas, galmawwan achi gaʼuuf isa gargaaran, kanneen akka walgaʼii irratti yaada kennuu ykn ollaawwanii fi namoota isaa wajjin hojjetaniif lallabuu irra akka gaʼu isa gargaaraa. Yihowaan eenyu iyyuu akka isa tajaajilu akka hin dirqisiisne yaadadhaa. Of murteessuun murtoo dhuunfaa ti.—Kes 30:19, 20

  • Yihowaa gammachiisuu fi ulaagaa cuuphamuuf isa dandeessisu guutuuf jijjiirama barbaachisaa taʼe akka godhu barataa keessan jajjabeessaa. (Fak 27:11) Amallii fi barsiifanni tokko tokko hundee gad fagoo godhachuu waan dandaʼuuf, barataan Kitaaba Qulqulluu namummaa moofaa of irraa baasee gatuu fi namummaa isa haaraa uffachuuf gargaarsi wal irraa hin cinne isa barbaachisa taʼa. (Efe 4:22-24) Mata duree Masaraa Eegumsaa walitti aansuudhaan baʼuu fi “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhu irraa yaadawwan tokko tokko itti argisiisi.

  • Gammachuu Yihowaa tajaajiluu keessaniin argattan itti himaa.—Isa 48:17, 18