Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dhugaa Barsiisaa

Dhugaa Barsiisaa

Fulbaanaa jalqabee, ittiin lixni haaraan mata duree “Dhugaa Barsiisaa” jedhu qabu Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii irratti ni baʼa. Kaayyoon keenya gaaffii fi caqasa tokkotti fayyadamnee dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tokko ibsuu dha.

Namni sun fedhii qabaachuu isaa yoo hubanne, barreeffama isaaf kennuudhaan ykn jw.org irraa viidiyoo itti argisiisuudhaan yeroo itti deebinee dhaqnu hawwiidhaan akka eeggatu gochuu dandeenya. Maree kanaan dura goone itti fufuuf guyyoota muraasa gidduutti deebinee dhaquuf yaaluu qabna. Ittiin lixni haaraanii fi kutaan barattootaa kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu qabxiilee ijoo dhuma boqonnaa irra jiran irratti kan hundaaʼe dha. Achi irratti gaaffiiwwanii fi caqasawwan dabalataa deddeebii gaaffii gochuuf ykn Kitaaba Qulqulluu qofatti fayyadamnee qoʼannaa geggeessuuf nu gargaaran argachuu dandeenya.

Daandiin gara jireenyaatti geessu tokko qofa dha. (Mat 7:13, 14) Kan haasofnu namoota amantii fi akkaataa guddinaa gara garaa qabanii wajjin waan taʼeef, dhugaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti isaan hawwatu fayyadamuu qabna. (1Xi 2:4) Mata dureewwan Kitaaba Qulqulluu ibsuuf dandeettiin qabnu yommuu guddatuu fi dandeettiin ‘dubbii dhugaa sirriitti barsiisuuf’ qabnu yommuu fooyyaʼu gammachuun keenya ni dabala, warra kaan dhugaa barsiisuu irrattis milkaaʼina arganna.—2Xi 2:15.