Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Duula Addaa Fulbaanatti Masaraa Eegumsaa Raabsuuf Godhamu

Duula Addaa Fulbaanatti Masaraa Eegumsaa Raabsuuf Godhamu

Namoonni guutummaa lafaa irra jiran jajjabinni isaan barbaachisa. (Lal 4:1) Jiʼa Fulbaanaatti Masaraa Eegumsaa waaʼee jajjabinaa ibsu raabsuuf carraaqqii addaa goona. Barruu kana balʼinaan raabsuuf carraaqqii godhaa. Haa taʼu malee, isaan jajjabeessuuf kallattiidhaan isaanii wajjin dubbachuu waan barbaannuuf, barruu kana namoota manatti hin argamneef hin keenyu.

WANTA JENNU

“Hundi keenya jajjabinni nu barbaachisa. Garuu eessaa jajjabina argachuu dandeenya? [2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.] Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun Waaqayyo akkamitti jajjabina akkasii akka kennu ibsa.”

Namni sun fedhii yoo argisiisee fi barrucha yoo fudhate, . . .

VIIDIYOO MACAAFA QULQULLUU QAYYABACHUU KAN QABNU MAALIIFI? JEDHU ITTI ARGISIISI

Achiis Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu isa afeeri.

DEEBITEE DHAQUUDHAAF HAALA MIJEESSI

Gaaffii yommuu deebitee dhaqxu irratti mariʼattan tokko gaafadhu; akkana jechuu dandeessa: “Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi?