AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Hojiiwwan Gaarii hin Irraanfatamne
Sabni Yihowaa hundi hojii gaarii matumaa hin irraanfatamne Yihowaadhaaf hojjechuu ni dandaʼu. Akkuma warri tokko ijoollee isaa jaallatuu fi hojii gaarii isaan hojjetan hin irraanfanne, Yihowaanis hojii hojjennee fi jaalala maqaa isaatiif argisiisne matumaa hin irraanfatu. (Mat 6:20; Ibr 6:10) Dhugaadha, dandeettii fi haalli keessa jirru garaagara dha. Taʼus, tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone gammachuu guddaa arganna. (Gal 6:4; Qol 3:23) Waggoota hedduudhaaf, obboloonni kumaan lakkaʼaman Betʼel keessa tajaajilaniiru. Betʼel keessatti fedhiidhaan tajaajiluu ni dandeessaa? Kan hin dandeenye yoo taʼe namni kan biraan akka tajaajilu ykn nama miseensa maatii Betʼel taʼe tokko tajaajila addaa kanatti akka itti fufuuf isa gargaaruu dandeessaa?
VIIDIYOO TAJAAJILA BETʼELIIF OF DHIHEESSI JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Wanti Betʼel keessatti tajaajiluuf nu kakaasu maal taʼuu qaba?
-
Obboloonni tokko tokko Betʼelitti tajaajiluu isaaniitiin eebba argatan ilaalchisee yaada akkamii kennan?
-
Betʼel keessatti tajaajiluuf ulaagaawwan barbaachisan isaan kamfaʼi?
-
Betʼel keessatti tajaajiluuf gaafachuu kan dandeessu akkamitti?