Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ittiin Lixa

Ittiin Lixa

DAMMAQAA!

Gaaffii: Namoonni hedduun fayyaa guutuu qabaachuu barbaadu. Dhukkuba irraa of eeguuf maal gochuu waan dandeenyu sitti fakkaata?

Caqasa: Fak 22:3

Barreeffamicha kennuuf: Barruun Dammaqaa! kun hubatoo taʼuu fi balaa dhukkubaan qabamuu hirʼisuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka dandeenyu ibsa.

DHUGAA BARSIISAA

Gaaffii: Rakkina kan nutti fidu Waaqayyo dha moo haalawwan kan biroo dha?

Caqasa: Iyo 34:10

Dhugaa: Rakkina kan nutti fidu Waaqayyo miti. Kanaa mannaa, rakkinni akka nu irra gaʼu kan godhu Diyaabilos, murtoo dogoggoraa namoonni godhanii fi al tokko tokko immoo yeroo sirrii hin taanetti bakka sirrii hin taanetti argamuu keenya taʼuu dandaʼa. Yommuu rakkinni nu irra gaʼu, Waaqayyo nu gargaaruuf qophaaʼaa dha. Inni garaadhaa nuuf yaada.

MACAAFA QULQULLUU QAYYAQABACHUU KAN QABNU MAALIIFI? (Viidiyoo)

Gaaffii: Addunyaa kana kan toʼatu Waaqayyo dhaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Kana ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu viidiyoo kana irraa ilaali. [Viidiyicha taphachiisi.]

Barreeffamicha kennuuf: Boqonnaan 11ffaan kitaaba kanaa Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyamee fi rakkina kana ilaalchisee maal gochuu akka yaade ibsa. [Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsisa? ykn Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhu kenniif.]

ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU

Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi