AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Kunoo, Ani Jira, Ana Ergi!”
Amalli tole jechuu Isaayaas qabu hordofamuu kan qabu dha. Odeeffannoo guutuu kan hin arganne taʼu illee, amantii argisiiseera; akkasumas battalumatti tole jedheera. (Isa 6:8) Ati hoo bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqxee tajaajiluuf haala kee irratti jijjiirama gochuu ni dandeessaa? (Far 110:3) Jijjiirama akkasii gochuu kee dura, ‘dura teessee qarshii gaʼaa qabaachuu kee shallaguu’ akka qabdu beekamaa dha. (Luq 14:27, 28) Taʼus, hojii lallabaatiif jecha aarsaa kaffaluuf fedhii qabaadhu. (Mat 8:20; Mar 10:28-30) Akkuma viidiyoo Bakka Gargaarsi Caalaatti Barbaachisu Dhaqanii Tajaajiluu jedhamu irratti ibsame eebbii Yihowaa tajaajiluudhaan argannu aarsa kaffallu kam iyyuu baayʼee caala.
VIIDIYICHA ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBIISAA:
-
Miseensoonni maatii Wiiliyaamsi Ikuwaador dhaqanii tajaajiluuf maalfaa aarsaa godhaniiru?
-
Bakka dhaqanii tajaajilan yommuu filatanitti wantoonni isaan tilmaama keessa galchan maalfaʼi?
-
Eebbawwan akkamii argatan?
-
Bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuu kan dandeessan eessaa ti?
WAAQEFFANNAA MAATII KEESSAN ITTI AANU IRRATTI, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII IRRATTI MARIʼADHAA:
-
Akka maatiitti tajaajila keenya balʼifachuu kan dandeenyu akkamitti? (km 8/11 4-6)
-
Bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu dhaqnee tajaajiluu hin dandeenyu yoo taʼe, karaawwan kamiin gumii keenya gargaaruu dandeenya? (w16.03 23-25)