Raajiiwwan Masiihicha Irratti Raawwataman
Yesuus dhalachuu isaa jaarraawwan hedduu dura Isaayaas Masiihichi “Yordaanos gamaa fi Galiilaa isa kan saba warra kaaniif” akka lallabu raajii dubbatee ture. Yesuus guutummaa Galiilaa keessa naannaʼee lallabuu fi misiraachoo barsiisuudhaan raajiin kun akka raawwatamu godheera.—Isa 9:1, 2.
-
Dinqii isaa isa jalqabaa raawwate —Yoh 2:1-11 (Qaanaa)
-
Ergamoota isaa filate —Mar 3:13, 14 (Qifirnaahomitti dhihoo)
-
Gaara Tokko irratti haasaa kenne —Mat 5:1–7:27 (Qifirnaahomitti dhihoo)
-
Ilma tokkicha dubartii abbaan manaa ishii irraa duʼe duʼaa kaase—Luq 7:11-17 (Naayin)
-
Erga duʼaa kaʼee booda barattoota isaa 500 taʼanitti mulʼate—1Qor 15:6 (Galiilaa)