AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Barumsi Waaqayyoo Halaalatti Nama Jibbuu ni Injifata
Yihowaan namoota wal hin caalchisu. (HoE 10:34, 35) Namoota “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan” ni simata. (Mul 7:9) Kanaaf, gumii Kiristiyaanaa keessatti nama wal caalchisuu fi loogiin iddoo hin qabu. (Yaq 2:1-4) Barumsa Waaqayyo irraa argannuun kan kaʼe, kutaa jannata hafuuraa amalli namootaa itti jijjiiramuu taʼuu dandeenyeerra. (Isa 11:6-9) Garaa keenya keessaa loogii kam iyyuu buqqisnee gatuuf carraaqqii guddaa gochuudhaan, fakkeenya Waaqayyoo hordofaa akka jirru mirkaneessina.—Efe 5:1, 2.
VIIDIYOO JOONII FI GIIDEWON: YEROO TOKKO DIINA TURAN, AMMA GARUU OBBOLAA WALIIF TAʼANIIRU JEDHU ILAALAA. ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISAA:
-
Barumsi Waaqayyoo carraaqqii namoonni wal qoqqoodiinsaa fi halaalatti nama jibbuu balleessuu irratti godhan irra ni caala kan jennu maaliifi?
-
Waldaa obbolummaa biyyoolessaa keenya ilaalchisee wanti si dinqisiisu maali dha?
-
Tokkummaa Kiristiyaanaa keenya yommuu eegnu Yihowaan ulfina kan argatu akkamitti?