Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 11-16

Lafti Beekumsa Yihowaatiin ni Guutamti

Lafti Beekumsa Yihowaatiin ni Guutamti

Raajiin kun Israaʼelota irratti kan raawwatame akkamitti?

  • Boojuu Baabilonii gara mana isaaniitti yommuu deebiʼanis taʼe, biyya isaanii keessatti bineensota bosonaa ykn namoota amala bineensotaa qaban sodaachuu hin qaban turan.—Iz 8:21, 22

Raajiin kun bara keenyatti kan raawwatame akkamitti?

  • Beekumsi Yihowaa irraa argamu amalli namootaa akka jijjiiramu godha. Namoonni duraan hamoota turan naga qabeeyyii taʼaniiru. Beekumsi Waaqayyoo addunyaa maratti jannanni hafuuraa akka uumamu godheera

Raajiin kun gara fuulduraatti kan raawwatamu akkamitti?

  • Guutummaan lafaa kaayyoo Waaqayyo isa jalqabaa wajjin haala walsimuun jannata tasgabbii fi nagaan keessa guutetti jijjiiramti. Namnis taʼe bineensi, uumamni kam iyyuu nama hin doorsisu

Beekumsi Waaqayyoo Phaawulosiin jijjiireera

  • Yeroo Fariisii turetti amala akka bineensaa qaba ture.—1Xim 1:13

  • Beekumsi sirriin amala isaa jijjiireera.—Qol 3:8-10