Muddee 26–Amajjii 1
Isaayaas 17-23
Faarfannaa 42 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Karaa Sirrii hin Taaneen Aangootti Fayyadamuun Aangoo Nama Dhabsiisa”: (Daq. 10)
Isa 22:15, 16—Shebnaan fedha ofii isaa guuttachuuf aangoo isaatti fayyadamee ture (ip-1-AM 238 key. 16-17)
Isa 22:17-22—Yihowaan Shebnaan Eliyaaqimiin akka bakka buufamu godhe (ip-1-AM 238-239 key. 17-18)
Isa 22:23-25—Wanta Shebnaa irra gaʼe irraa barumsa guddaa arganna (w07-AM 1/15 9 key. 1; ip-1-AM 240-241 key. 19-20)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Isa 21:1—Naannoon “lafa onaa isa galaana bukkee” jedhame isa kami? Maaliifi? (w06-AM 12/1 11 key. 2)
Isa 23:17, 18—Buʼaan Xiiros argattu “Waaqayyoof kennaa addaan baafame” kan taʼu akkamitti? (ip-1-AM 253-254 key. 22-24)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa qabxiin tajaajila irratti itti fayyadamuu dandaʼu isa kami?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Isa 17:1-14
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Guyyaa Jalqabaa: (Daq. 2 ykn isaa gad) bh—Kitaabicha beeksisuuf viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhutti fayyadami. (Hubachiisa: Hojiin argisiisa kana irratti viidiyicha hin taphachiisin.)
Deddeebii Gaaffii: (Daq. 4 ykn isaa gad) bh—Balbala irraa dhaabattee utuma jirtuu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisi, achiis deebitee dhaquudhaaf haala mijeessi.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 6 ykn isaa gad) lv 150-151 key. 10-11—Akkamitti garaa baratichaa tuquun akka dandaʼamu argisiisi.
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Faarfannaa 44
‘Dammaqinaan’ ni Eegduu?: (Daq. 8) Haasaa Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2015, fuula 12-16 irratti hundaaʼee jaarsaan dhihaatu. Akkuma eegduu Isaayaas mulʼataan argee fi fakkeenya durboota dammaqoo shanan Yesuus dubbatee, hundumtuu dammaqoo taʼanii akka eegan jajjabeessi.—Isa 21:8; Mat 25:1-13.
Hojiiwwan Jaarmiyichi Raawwate: (Daq. 7) Viidiyoo Muddee Hojiiwwan Jaarmiyichi Raawwate jedhu taphachiisi.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) ia boq. 21 key. 13-22, irra deebii ful. 216
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 29 fi Kadhannaa