AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” Jedhamuun Garaa Namootaa Tuquu
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Namoonni karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuuf qajeelfamoota isaa barachuu fi qajeelfamoota kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuu qabu. (Isa 2:3, 4) Kitaabni “Jaalala Waaqayyoo” jedhamu, kitaaba qoʼannaa isa lammaffaa siʼa taʼu, barattoonni Kitaaba Qulqulluu qajeelfamawwan Waaqayyoo jireenya isaanii guyyaa guyyaa wajjin kan wal qabatan akkamitti akka taʼe akka hubatan isaan gargaara. (Ibr 5:14) Jijjiirama gochuudhaaf kakaʼumsa sirrii akka qabaataniif, yommuu isaan barsiisnu garaa isaanii tuquuf carraaquu qabna.—Rom 6:17.
KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
-
Wanta barataa keessan barbaachisu yaadatti qabadhaatii akka gaariitti qophaaʼaa. Gaaffiiwwan ilaalchaa yaada isaa hubachuu fi barumsicha ilaalchisee wanta itti dhagaʼamu ibsuuf isa gargaaran qopheessaa.—Fak 20:5; be 259
-
Barataan keessan dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun isaa faayidaa akka qabu akka hubatuuf, saanduqoota kitaabicha keessatti argaman hundatti fayyadamaa
-
Baratichi dhimmawwan qalbii wajjin walqabatan irratti ofuma isaatii akka yaadu godhaa malee, murtoo isaaf hin murteessinaa.—Gal 6:5
-
Barataan keessan qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko hojii irra oolchuun kan isa barbaachisu taʼuu isaa malaan hubachuuf yaalaa. Jaalala Yihowaadhaaf qabuun kakaʼee jijjiirama akka godhu gaarummaadhaan isa jajjabeessaa.—Fak 27:11; Yoh 14:31