Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 1-5

‘Kottaa Gara Tulluu Waaqayyootti Ol In Baanaa!’

‘Kottaa Gara Tulluu Waaqayyootti Ol In Baanaa!’

2:2, 3

“Bara booddeetti”

Bara nuti amma keessa jiraachaa jirru

“Tulluu mana Waaqayyoo”

Waaqeffannaa qulqulluu Yihowaa isa ol ol godhame

“Sabni lafa irraa hundinuus gara isaatti in yaa’u”

Namoonni waaqeffannaa dhugaa fudhatan tokkummaadhaan walitti qabamu

“Kottaa gara tulluu Waaqayyootti ol in baanaa”

Waaqeffattoonni dhugaan warri kaan gara isaanii akka dhufan ni afeeru

‘Inni karaa isaa nu barsiisa, nutis daandii isaa irra ni adeemna’

Yihowaan karaa Dubbii isaa nu barsiisa, daandii isaa irras akka adeemnu nu gargaara

2:4

‘Isaan deebiʼanii lola hin baran’

Isaayaas meeshaaleen waraanaa gara meeshaalee qonnaatti akka jijjiiraman yommuu dubbatu, sabni Yihowaa nagaa akka hordofan argisiisuu isaa ti. Meeshaawwan bara Isaayaasitti turan kunneen kan akkamiiti?

‘Billaa isaanii maarashaa godhu’

1 Maarashaan meeshaa lafa ittiin qotani dha. Maarashaan tokko tokko sibiila irraa hojjetama.—1Sam 13:20

‘Eeboo isaanii isa ittiin muka qeexxaʼan godhu’

2Meeshaan ittiin muka qeexxaʼan tarii meeshaa sibiila irraa hojjetamuu fi haamtuu fakkaatu kan qabannoo qabu argisiisa. Meeshaan kun muka wayinii wal qiqixxeessuuf kan gargaaru ture.—Isa 18:5