Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota “Kakaʼumsa Sirrii Qaban” Barattoota Akka Taʼan Gargaaruu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota “Kakaʼumsa Sirrii Qaban” Barattoota Akka Taʼan Gargaaruu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Yihowaan sanyiin dhugaa garaa namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” keessatti facaafame akka guddatu godha. (HoE 13:48; 1Qo 3:7) Tajaajilli keenya namoota wanta baratan hojii irra oolchan irratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan isaa wajjin hojjenna. (1Qo 9:26) Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu cuuphaan Kiristiyaanota dhugaa, fayyina argachuuf barbaachisaa akka taʼe hubachuu qabu. (1Ph 3:21) Jijjiirama akka godhan, hojii lallabaa fi barsiisuu irratti akka hirmaatan, akkasumas Yihowaadhaaf akka of murteessan isaan barsiisuudhaan barattoota akka taʼan isaan gargaarra.—Mat 28:19, 20.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatan, kaayyoon isin isaan itti qoʼachiistan Yihowaa akka ‘beekanii’ fi akka isa gammachiisan isaan gargaaruu akka taʼe isaan yaadachiisaa.—Yoh 17:3

  • Wantoota gufuu isaanitti taʼan, kan akka barsiifata gadhee fi michooma sirrii hin taane moʼuudhaan guddina hafuuraa akka godhan isaan gargaaraa

  • Cuuphamuu isaanii duras taʼe booda, isaan cimsuu fi isaan jajjabeessuu keessan itti fufaa.—HoE 14:22

VIIDIYOO YIHOWAAN SI GARGAARA JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN KANAA GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Namni tokko of murteessuu fi cuuphamuu irraa duubatti akka jedhu wanti isa sodaachisu maal taʼuu dandaʼa?

  • Jaarsoliin namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatan guddina hafuuraa akka godhan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

  • Isaayaas 41:10 waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

  • Cubbuu kan dhaalle taʼu illee, amalawwan karaa fudhatama qabuun Yihowaa tajaajiluuf nu dandeessisan kamfaʼi?

Hojii barattoota gochuu irratti Yihowaa wajjin kan hojjennu akkamitti?