Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaatti Fayyadamaatii Gammachuudhaan Yihowaa Jajadhaa

Faarfannaatti Fayyadamaatii Gammachuudhaan Yihowaa Jajadhaa

Phaawulosii fi Siilaas yeroo mana hidhaa turanitti faarfannaadhaan Yihowaa jajachaa turan. (HoE 16:25) Faarfachuun isaanii jabaatanii dhaabachuuf akka isaan gargaare hin shakkisiisu. Waaʼee keenya hoo maal jechuutu dandaʼama? Faarfannaawwan waaqeffannaaf itti fayyadamnuu fi faarfannaawwan kaan nu jajjabeessu; akkasumas yeroo qorumsi nu irra gaʼutti amanamoo taanee akka jiraannu nu gargaaru. Hunda caalaa garuu Yihowaa jajachuuf tajaajilu. (Far 28:7) Yoo xinnaate walaloo faarfannaawwan tokko tokkoo sammuutti akka qabannu jajjabeeffamaa turreerra. Isin hoo kana gochuuf yaaltaniittuu? Waaqeffannaa maatii keenya irratti faarfannaawwan shaakaluu dandeenya; kun immoo walaloo isaanii sammuutti qabachuuf nu gargaara.

VIIDIYOO IJOOLLEEN FAARFANNAADHAAN YIHOWAA JAJATU JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN KANAA GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Faarfannaawwan Mootummichaa faarfachuun dhiibbaa gaarii akkamii nu irratti godha?

  • Kutaan Sagalee fi Viidiyoo faarfannaa tokko waraabuuf qophii akkamii godha?

  • Ijoollee fi maatiin isaanii faarfannaa waraabamuuf kan qophaaʼan akkamitti?

  • Faarfannaawwan ati baayʼee jaallattu kamfaʼi? Maaliif?