Murtoo Dubbii Waaqayyoo Irratti Hundaaʼee fi Sagalee Tokkoon Murteeffame
Akkaataa dhimmi kun itti furame irraa maal barachuu dandeenya?
15:1, 2—Gad of qabuu fi obsa argisiisuu. Phaawulosii fi Barnaabaas dhimmichaaf ofuma isaaniitii furmaata kennuu mannaa, jaarmiyaa Yihowaa irraa qajeelfama argachuuf gaafataniiru.
15:28, 29—Jaarmiyaa Waaqayyootti amanamuu. Gumichi Yihowaan hafuura qulqulluudhaanii fi Kiristoos Yesuusitti fayyadamee dhimmicha geggeessaa akka ture amanannaa qaba ture.
16:4, 5—Ajajamuu. Gumiiwwan qajeelfama qaamni ol aanaan isaaniif kenne yommuu hordofanitti guddina argisiisaniiru.