Namni Gara Jabinaan Ariʼachaa Ture Dhugaa Baatuu Hinaaffaa Qabu Taʼe
Saaʼol wanta barate yeruma sana hojii irra oolcheera. Warri kaan kana kan hin goone taʼus, Saaʼol wanta barate hojii irra kan oolche maaliifi? Nama kam iyyuu caalaa Waaqayyoon waan sodaatuu fi gara laafina Kiristoos isatti argisiiseef dinqisiifannaa guddaa waan qabuuf ture. Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa kan jirtuu fi hamma yoonaatti kan hin cuuphamne yoo taate, wanta barachaa jirtu yeruma sana hojii irra oolchuu ilaalchisee fakkeenya Saaʼol hordofuu kan dandeessu akkamitti?