Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 12-13

Seerawwan Dhukkuba Nadaayii Ilaalchisee Kennaman Irraa Baradhaa

Seerawwan Dhukkuba Nadaayii Ilaalchisee Kennaman Irraa Baradhaa

13:4, 5, 45, 46, 52, 57

Seerri buʼuuraa seera dhukkuba nadaayii ilaalchisee kenname duuba jiru waaʼee karaa hafuuraa fayyaa keenya eeggachuu maal nu barsiisuu dandaʼa?

  • Yihowaan dhukkuba nadaayii dafanii adda baafachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe luboota barsiiseera. Obboloonni tiksitoota taʼanis nama karaa hafuura gargaarsi barbaachisu kamiif iyyuu dafanii xiyyeeffannaa kennu.—Yaq 5:14, 15

  • Israaʼelonni miʼa dhukkuba nadaayiitiin faalame kam iyyuu akka hin tuqneef balleessuu qabu turan. Kiristiyaanonnis cubbuutti kan isaan geessan taanaan wantoota baayʼee jaallatan illee dhiisuuf fedhii qabaachuu qabu. (Mat 18:8, 9) Tarii wantoonni kun barsiifata, michummaa ykn bashannanna dabalachuu dandaʼu.

Kiristiyaanni tokko gargaarsa Yihowaa argachuuf fedhii cimaa akka qabu kan argisiisu akkamitti?